Murtii Barsiisaa
Himatamtoonni maqaa isaanii 1ffaa Fiqaaduu Jamaal Moggaa umuriin_Waggaa 23, Hojiin_dhuunfaa Teessoon_Godina Jimmaa M/Aggaaroo Ganda B/Waarituu 2ffaa Abdii Daaffis A/Jiruu umuriin_Waggaa 26 Hojiin_dhuunfaa Teessoon, Godina Jimmaa M/Aggaaroo Ganda T/Koyee 3ffaa Naziif Abdallaa Yaasin umuriin_Waggaa 27 Hojiin_dhuunfaa Guyyaa Teessoon, Godina Jimmaa M/Aggaaroo Ganda T/Koyee ta’an, ta’e jedhanii nama yakkaan himatame fayyaduuf yaaduudhaan gaafa guyyaa 11/04/2015 waaree booda tilmaamaan yommuu sa’aatii 9:00 yemmuu ta’utti Godina Jimmaa Aanaa Gommaa Ganda Tamsaa Jiddaa/01 Mana Murtii Aanaa Gommaa keessatti Falmii yakkaa Himataa A/Alangaa Aanaa Gommaa fi Himatamaa Abdulbaasix Mahaammad Jidduutti Lakk.Galmee Mana Murtii 30467 ta’een gaggeeffamaa jiru irratti ragaa ittisaa ta’uun dhiyaatanii kakuu raawwachuun “himatamaan gaafa guyyaa 07/02/2015 fi 08/02/2015 dhukkubsatee Hospitaala Aggaaroo geessinaan “Riiferii” jedhamee Jimmaa geessinee dhukkubsachiisaa turre” jechuudhaan jecha ragummaa sobaa waan kennaniif,seera yakkaa bara 1996 bahee kew.453(2) irra darbuudhaan yakka ragummaa sobaa kennuu raawwatanii jiru jechuudhaan A/Alangaa Aanaa Gommaa himannaa Ragaa Namaa fi Barreeffamaatiin deeggaree dhiyeessee jira.Himatamtoonnis dhaddacha irratti dhiyaatanii yakka kana raawwachuu isaanii hambifannaa malee waan amananiif ragaa A/Alangaa dhagahuu osoo hin barbaachisiin keewwata seera yakkaa ittiin himatamaan jalatti balleessaa dha jechuudhaan Mannii Murtii Aanaa Gommaa dhaddacha gaafa guyyaa 27/04/2015 ooleen tokkoo tokkoo isaanii Hidhaa Cimaa waggaa waggaa 2(lama) tiin adabee jira.
Kanaafuu Waajjirri A/Alangaa A/Gommaa Hawaasni Magaalaa Aggaaroo fi Aanaa Gommaa keessa jiraatu hundinuu gochaa yakkaa kana fakkaatu raawwachuu irraa of qusatee namoota yakka raawwatan saaxiluudhaan akkasumas Ragaa irratti bahudhaan olaantumma seeraa kabachiisuu keessatti gahee irraa eegamu akka bahatu dhaamna.
waliin taanee ragaa sobaa haa ittisnu !!!