seensaa
Adabbiin Tarkaanfii seeraa namootaa gochaa yakkaa jedhamee seera yakkaa keessa jiru raawwatan irratti fudhatamuu dha(murtaa’u dha). Adabbiin kan murtaa’uu sababiin yakkii wal fakkataan gara fuulduraa akka hin raawwatamne ittisuuf namn9 yakka raawwate jedhamee sunis amala isaa akka sirreeffatuu fi dha.
Murtiin adabbii yeroo baay’ee adabbichi akka malee baay’ateera ykn xinnaateerajedhamee qeequuf kan saaxilame dha. yeroo baay’ee yaadni ykn qeeqni akkanaa kan ka’u adabbii sirri ta’e kennuu dhabuu ykn sababaa gahaa malee yakkamtootaa yakka wal-fakkaatuu raawwatan adabbii wal-fakkataa argachuu qaban jidduutti murtiin adabbii gargar ta’e murta’uu isaatiin dha. kunis sirni haqaa biyyittii amantaa akka dhabu kan godhu dha.
Rakkoowwaan akka kanaa maqsuufis bu’uura seera yakkaa bara 1996 ,keewwata 88(4)tiin manni murtii Waliigalaa Federalaa qajeelfamaa adabbii yeroo jalqabaaf baaseera.
Qajeelfamni adabbii amma bahe kun rakkoolee tokko tokko hambiseera. Qajeelfama adabbii yeroo jalqabaaf biyyaa keenyaatti bahe qaawwaa seerri yakkaa keenyaa qabu hanga ta’e dhiphisuun rakkini jiru akka hir’atu ykn dhabamuu danda’u gochuuf gahee guddaa taphatee jira.
Bu’urumaa kanaan qajeelfamni 2/2006 kun yakkoota murasaa fi yeroo hedduu biyyaa keenyaa keessatti raawwatamaaniif sadarkaa fi gulantaa ifa ta’e baaseera. (linki asi gaditin ilaaluu dandessa)
Haata’u malee gochaawwaan seera yakkaa keenyaa jalaatti ibsamaan hedduu waan ta’eef bu’uruma qajeelfamaa adabbii 2/2006 kew.19tiin yakkoota sadarkaa fi gulantaan hin baaneef manni murtiis ta’ee Abbaan Alangaa sadarkaa fi gulantaa baasuu fi danda’an ifaan ibseera ykn tumeera.
Kaayyoon barreeffamaa kanaas Godina keenaa keessatti hojiin Abbootrii Alangaatti waan baay’atuuf hojii si’aayinaa fi qulqullina qabu hojjechuuf Abbaan Alangaa kamiyyuu waayita dhaddacha seenu qajeelfamaa adabbii kana haala salphaan fudhatee akka seenuuf akkataa qajeelfamaa adabbii 2/2006 kew.19tiin yakkoota yeroo hedduu Godina keenyaa keessatti raawwataman sadarkaa fi gulantaan hin baaneef akka ba’ee waajjira keessa taa’uuf qopheessuun barbaachisaa waan ta’e argameef qajeelfamni kun bulchinsa mana hoji abbaa alnagaa godina jimmaa jalattii jiran maraa akka hojii iraar olchan taasisuf jecha bahee jira.
Nagaa wajjin
MHAAGJ.