Maanuwaalii JBAH qorannoo yakkaa irattii MHAAWOtin_pdf Leave a Comment manuwali-jbah-daarektoreetii-yakkoota-adda-addaa_mhaawoDownload Logo MHAAWO. 1.1 Seensa waligalaa Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hundaa’uun dura maqaa Biiroo Haqaa Oromiyaa jedhamuun hojiiwwan kenniinsa tajaajila haqaa kennaa turee jira. Biirichi kenniinsa tajaajila haqaa saffisaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa taasisuuf bara 1998 irraa eegalee JBAH qorachuun hojjachaa tureera. Kanaanis bu’aaleen jajjabeessaa ta’an heddu argamanii jiru. Haata’u malee sakatta’iinsa yeroo adda addaa taasifameen hojmaatni fi gurmaa’insi ture haala qabatamaa amma jiruu fi fedhii hawaasaa dabalaa dhufeen kan walsimu ta’ee hin mul’atu. Dabalataanis, mootummaan naannoo Oromiyaa qorannoo gahoomina qaamolee raawwachiiftuu naannichaa gaggeesseen hojiin qorannaa fi himannaa akkaa fi dhimmoonni hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa manneen hojii adda addaa keessatti bifa faffaca’een raawwatamuun isaa bu’aa qabeessa akka hin taane agarsiisee jira. Kanarraa ka’uudhaan Mootummaan Naannoo Oromiyaa bu’uura labsii lak.214/2011 tiin Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeessuun hojiiwwan qorannaa fi himannaa yakkaa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa fi Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaatiin hojjatamaa turan; akkasumas dhimmoonni hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi waldaalee hojii gamtaa keessatti raawwatamaa turan gara mana hojii kanatti darbanii iddoo tokkotti bifa walfakkaatuun akka hojjataman murteessee jira. Qajeelfama Aangoo fi Gahee Hojii Dameewwan Dhaabbii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 16/2013 pdf.August 31, 2021PdfMaanuwwaalii Koree Ittisa fi To’annoo Godaansa Seeraan Alaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo OromiyaaDecember 28, 2020Similar postDambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Tumuuf Qophaa’e Lakkoofsa 218/2013December 22, 2020Similar post
Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa. Leave a Comment / Uncategorized / By hasen yaad rimee Malaamaltummaa.
Oromia Regional State Constitution PDF Leave a Comment / State constitution, Uncategorized / By hasen Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, pdf kan bakka bu’oota uummata Naan nichaatiin irratti mari’atamee, Waxabajjii 14 bara 1987 yeroo jalqabaatiif ragga’eefi hanga ammaa hojiirra ture, bal’inaan…