Mana Hoji abbaa alangaa godina jimmaatin leenjii abbootii alangaaf qophaa’e.
SEENSA WALIIGALAA
Ol’aantummaan seeraa fi kabajamuun mirga lammiilee guddina itti fufinsaa biyyi tokko galmeesiisuuf hojjetu keessatti shoora guddaa akka qabu ni beekama. Heerri mootummaa RDFI fi heera mootummaa naannoo Oromiyaa lammiileen mirga guddachuu fi jireenya fooyyee qabu jiraachuu kan qaban ta’u beekamti kennuu bira darbuun mirgoonni bilisummaa qaamaa fi dinagdee kun cabani bakka argamanitti mana murtii ykn qaama aangoo abbaa seerummaan kennameef biratti dhimma isaanii dhiyeefachuun murtii haqaa argachuu akka qaban tumameera.
Qaamooleen haqaatis murtiin kennan haqa qabeessaa fi adeemsa seeraan diriiree jiru kan eeggate ta’uu akka irra jiraatu ni hubatama. Murtiin qaamoleen haqa kennan adeemsa falmii seerri kaa’e jiru keessa darbuun kan kennamudha. Adeemsoota falmii keessati hordofaman keessaa tokko firiiwwan dubbii wal falmitoonni irratti walfalaman adda baafachuun ijoo dubbii rogummaa qabu qabachuun ragaa rogummaa qabuun dhugaa irra gahuu fi murtii haqaa kennuudha.
Sirni bulchiinsa haqaa bu’aa qabeessa kan ta’u dhimmoonni qaamolee haqaatti dhiyaatan ragaa rogummaa fi dhugummaa qabu irratti hundaa’un murtiin kan itti kennamu yoo ta’e qofa akka ta’e ni beekama. Dhimmoota yakkaa fi hariiroo hawaasaa mana murtiitti dhiyaatan seeraan guudunfaa kan argatan ragaa irratti hundaa’ameeti. Abbootiin seeraa fi Abbootiin alangaa dhimmoota murteessuudhaaf aangoo qaban irratti murtee haqa qabeessa ta’e kan kennan ragaa dhugaa fi qabatamaa ta’e bu’uura godhataniiti.
Ogeessonni seeraa, keessumattuu abbootiin seeraa, abbootii alangaa, abukaatootaa fi kkf hojii guyyaa guyyaatti rawwatan hundi ragaa irratti kan hundaa’e waan ta’eef waa’ee faayidaa ragaa isaan caalaa qaamni beeku hin jiru hoo jedhame dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u. Haata’u malee, ogeessota seeraa, keessattuu abbaa seeraa fi abbaa alangaa biratti ijoo falmii sirrii ta’e adda baafachuu, ragaa sirnaan qorachuu (dhagahuu) fi ragaa madaaluu irratti hubannoo wal-fakkaataa kan hin jirre ta’u dhimmoota walfakkaatoo fi ragaa walfakkaatoo tiin murtiin garaagarummaa qabu yoogu kennamu hojimaata keessatti mul’ata. Kana irraan kan ka’e haqa qabeessummaa fi qulqullinni murtiilee kennamanii gaaffii keessa galuun amantaa fi gara-gahiinsi uummanni qaamolee haqaa fi mootummaa irratti qabu yeroodhaa gara yeadminti gadi bu’aa kan dhufe ta’uu bira darbee madda komii fi rakkoo bulchiinsa gaarii erga ta’ee oolee buleera.
- Articles in eglish
- barruu xinxala seeraa
- beksisaaf
- Books
- Education
- hubannoo seeraa
- Labsif qajelfamota
- laws proclamation
- Prodcusting audio video
- product
- Reference
- State constitution
- Uncategorized
- universal laaws
- universal laws
Kanaaf rakkoon gama kanaan jiru furuuf leenjii hubannoo ogeessota seeraa naannoo keenyaa cimsuu mata duree kana irratti kennuun barbaachiisaa ta’ee argameera. Bu’uuruma kanaan kaayyoon moojuulii kanaa sirna dhiyeessa, dhagahaa fi madaallii ragaa namaa, ragaa sanadaa fi ragaa ogummaa irratti uwwisa seeadmina deemsaa fi seeadmina mummeetiin jiran sakatta’uu, rakkoolee hojimaata keessatti mul’atan dhimmoota qabatamoodhaan agarsisuu fi kallattii fulduraa akeekuudha. Kana gochuufis, moojuulichi boqonnaawwan sadiitti caaseffamuun dhiyaateera.
Boqonnaa tokkooffaa keessatti maalummaa, gosaa ragaa fi sirna qabiinsa ijoo dubbii irratti yaadota akka waliigalaatti jiran jiran bifa gabaabina qabuun kan ibsu ta’a. Boqonnaan lammaffaa dhiyeessaa fi dhagahaa ragaa dhimma h/hawaasaa fi dhimmoota yakkaa seeraa fi hojimaata jiru bu’uura godachuun xiinxalame yoo ta’u boqonnaa sadaffaa keessatti amanamummaa ragaa namaa, ogummaa fi sanadaa mirkaneessuu fi madaaluu, rakkoolee qabatamaan gama kanaan jiran akkasumas kallattii fulduraa irratti kan xiyyeefatu ta’a. Boqonnaan kun dhugummaa ragaalee mirkaneessuuf toofataalee seerotni keenya diriirsanii fi muuxannowwan biyyoota biroo rogummaa qaban gadi fageenyaan ilaaluun dandeettii dhugaa baasuu fi haqa mirkaneessuu ogeessotaa cimsuu irratti xiyyeeffata. Gaaffileen marii fi dhimmoonni manneen murtiis akkaatuma barbaachisummaa isaaniitti boqonnaawwan hunda keessatti hammatamniru. Guutuu mojulichaa buusii 👇👇