Home » Barruulee » Galmee Qorannaa Yakkaa SDFY Kew. 42tin

Galmee Qorannaa Yakkaa SDFY Kew. 42tin


Lakk ______

Guyyaa ____

 

Waajjira Pooliisii Aanaa Sokorruutiif

Sokorruu  

L.G.A.A.G. ______

L.G.Q.Po.______

Galmee qorannoo  maqaa shakkamaa Fu’aad A/Jabal A/Milkiin  mata duree yakka Ajjjeechaa Daganno lubbuutiin qulqullaa’ee xalayaa lakkoofsa______tin, gaafa01/07/2009 barraa’en nuuf ergitan nu dhaqqabee keessa isaa ilaallee jirra.

Ijoo Dubbii

Galmee qorannaa kana keessatti gareen  qorannaa yakkaa eegaluuf wanti sababa ta’e Eeruun shakkamaan kun  Dhagaa guddaa gararraa  gadi darbachuun miidhamaa dhuunfaa daa’ima waggaa 6 ta’e  Ri’aad Qaasim jedhamu dhagaa kanaan mataan isaa rukutamee du’eera kan jedhu yoo ta’u ragaan mana yaalaas miidhamaan miidhaa mataa isaarra dhaqaben kan du’e ta’u kan ibsu waan ta’eef Ijoon dubbii dhimma kanaa:-Shakkamaan kun miidhamaa kana ajjeeseera moo hin ajjeesnee?,ajjeeseera yoo ta’e ajjeechaa dagannootii moo ajjeechaa ta’e jedhamee raawwatameedha?Ajjeechaa Dagannooti Yoo ta’e itti gaafatamummaan seeraa jiru maala fakkaata ? Kan jedhudha.

Jecha ragaa namaa

Galmee Qorannaa  kana qulqulleessuuf  ragooliin namaa  baayinni isaanii  4 jechi isaanii kan fuudhame yommuu ta’u Ragaan 1ffaa Toofiq A/Giddii Jedhamu jecha ragummaa isaa kenneen “Guyyaa kamisaa  lakkoofsaan hin yaadadhuu bara kana Anii fii hiriyootni koo biroo shakkamaa kana dabalannee qoraan guurataa turree walitti qabataa osoo jirruu shakkamaan kun Dhagaa guddaa lafaa garagalchee yomuu jedhu kaalid kan jedhamu dhiisi horiin si jala jirtii jennan kanumaan shakkamaan kun nahee dhagaa kana tabbaarraa konkolaachiseera,kallattii dhagaan kon tabbarraa konkolaateen immoo mucaan horii tabba irraa garagadiiti eegaa ture tokko rukutamee du’uu kan arge ta’uu ibseera,mucaan kun kan rukutamee du’e kallattiidhuma dhagaan shakkamaan konkolaachise irraan waan ta’eef arguu baatus dhagaadhumti kun dhahuu akka hin oolle kan tilmaamu akka ta’e ibseera”

Ragooliin 2ffaa fii 3ffaan kaalid Jaafarii fiiAbubakir kadir  Jedhaman jecha kennaniin “Gaafa Guyyaa 16/06/2009 G/J/A/Sokorruu ganda H/qeeaa naannoo Haroo  jedhamutti guyyaa irraa sa’aatii 6:30 irratti osoo shakamaa waliin qoraan corataa jirruu erga Xumurree booda Shakkamaan Fu’aad A/Jabal jedhamu kun Dhagaa guddaa lafarraa garagalchuuf yommuu jedhutti Horiin naannoo kana jirtii dhiisi jennaaniin naasuudhaan tabbarraa dhagaa kana kan garagalche ta’uu fii takka turree akakayyuun miidhamaa mucaa isaanii nu gaafannaan osoo barbaadnu kallattiidhuma shakkamaan dhagaa garagalche tabba jalaa mucaan Ra’iid Qaasim jedhamu rukutamee ciisee kan jiru ta’uu kan argan ta’uu fii mucaan kan rukutame kallattuma dhagaan garagale irraan waan ta’eef arguu baatanis dhagaadhumti shakkamaan gargalche sun mucaa kana rukutuu akka hin oolle ibsaniiru”

Ragaan 4ffaan dhihaatan jecha kennaniin “gaafa guyyaa 16/6/06 guyyaa sa’aatii 5 irratti manaa bahee gara mucaa horii eegaa jiru Ri’aad Qasim dhaqeebee  dhaqee yoon waamu najalaa didnaan ijoollee naannoo sanaa qoraan coraa turte gaafannaan mucaan tokko dhagaa konkolaachiseera horii keessan rukutuu hin oolu naan jennan gara horii yoon dhaqu horiin nagaadha mucaa garuu argachuu hin dandeenyee,osuma ragoota armaan olii waliin barbaadnnuu mucaan rukutamee ciisee kan jiru ta’uu kan argan ta’uu ibsaniiru

Jecha shakkamaa

Shakkamaan jecha shakkamummaa isaa akkaataa S/D.F/Y keewwata 27n garee qorannaaf kenneen “ijoollee waliin dhagaa tabbarraa gad darbachaa kan turan ta’uu fii innis dhagaa muka wayii jalaa kaasee gad darbachuu isaa kan yaadatu” ta’uu ibseera.

Ragaa barreeffamaa

  • Ragaan Barreeffamaa Hospitaala Ispeeshaalayizdii yuniversiitii Jimmaa irraa gaafa guyyaa 29/06/2009 lakk.9396/106/2009 kan sababni du’uu miidhamaa miidhaa mataa isaarra gaheen ta;uu ibsu
  • Ragaan Barreeffamaa Hospitaala Ispeeshaalayizdii yuniversiitii Jimmaa irraa gaafa guyyaa 22/06/2009 lakk.9275/58/2009 kan umuriin shakkamaa waggaa 11-13 gidduu akka ta’e ibsu.

Ilaalcha seeraa fi murtii A/Alangaa

Galmee qorannoo mata duree yakka  ajjeechaa lubbuu  namaa qulqullaa’ee dhiyaate eeruu yakkaa,ragaa namaa fi ragaa barreeffamaa galmichaaf dhihaate  irraa  ijoon Dubii murtii argachuu qabu:- “ShakkamaanFu’aad A/Jabal  jedhamu miidhamaa Ri’aad Qaasim Ajjeeseera moo hin ajjeesne?,ajjeeseera yoo ta’e ajjeechaa dagannooti moo ta’e jedhamee kan raawwatamedha?Dagannoodha yoo ta’e itti gaafatamummaan seeraan jiru maal fakkaata? Kan jedhudha.

Shakkamaan kun miidhamaa kana ajjeesuu ilaachisee jecha ragoota dhihaatan irraa akka hubachuun danda’amutti,ragooliin kunniin kallattiin dhagaan himatamaan kun garagalche miidhamaarra bu’uuf dhiisuu kan hin argine ta’us kallattiin daa’imni kun irratti dhahame qixa sirrii dhagaan gadi bu’e irraan ta’uun isaa dhagaan kun da’ima kanarra bu’uu akka hin oolle hubachuun ni danda’ama.Hata’u malee dhagaan shakkamaan kun darbate miidhamaarra bu’uun ajjeesuu isaa garuu gutummaa guutuun haala shakkiirraa bilisa ta’een hubachuun kan hin danda’amne dha.Sababiin isaas akka ragoonni dhihaatan jedhanitti bakka dhagaan irraa ka’e dhaabbatanii bakka mucaan itti rukutame arguun kan hin danda’amnee fii bakkichi hallayyaa jala akka ta’e ibsaniirru .Kanaaf jechi ragoota kanaa shakkiidha malee gutummaa guututti dhagaa himatamaan garagalche kanatu miidhamaarra bu’ee ajjeese kan jedhuu miti.Bakkichi hallayyaa jala ta’uun isaa fii yeroon dhagaan darbatamee fii yeroon mucaan bade jedhamee osoo barbaadamuu du’ee argame kan ture ta’uunis dhagaa kanatu shakkamaa kana dhahee ajjeese jedhamee shakkiin ala kan amanamu miti.Sababiin isaas hallayyaa jala waan ta’eef dhagaan biraas ofiif garagalee mucaa kanarra bu’uu danda’a shakkiin jedhus uumamuu kan danda’udha.

Kanaafuu walitti dhufeenya dhagaa shakkamaan gararraa darbatee fii du’uu miidhamaa kana walbukkee qabnee jecha ragummaa ragoota kanaan yommuu madaallutti dhagaanshakkamaan gaararraa garagalche kun miidhamaa dhahuun isaa wanti namatti agarsiisu jiraatus shakkiirraa bilisa miti ykn guutummaan kan amanamu miti.Kanaafuu Shakkamaan kun miidhamaa kana ajjeesuun isaa haala nama hin shakkisiisneen kan mirkanaa’e ta’ee hin argamne.

 

Gama Biraatiin Shakkamaan kun miidhamaa kana ajjeesera yoo jedhames ajjeechaa akkamitti kan jedhu ilaalchisee jecha ragoota dhihaatan irraa akka hubatamutti shakkamaan  kun dhagaa sana yeroo garagarlchutti miidhamaan tabba jala jiraachuu gonkuma kan hin beekne ta’uu fii bakki miidhamaan jirus kan itti hin muldhanne ta’uu ibsaniiru.Kana malees ragoonni akka jedhanitti Himatamaan dhagaa olqabnaan dhiisi horiin jala jiraachuu danda’a yeroo jennuun nahee dhagaa gadhiisnaan kan tabbaarraa gadi bu’e akka ta’e ibsaniiru.Kana jechuun immoo shakkamaan kun dhagaa kana gararraa gad kan garagalche gaara san jala namni jiraachuu tilmaamuu dhabuu isaarraayi malee ta’e jedhee nama dhahuuf akka hin taane jecha ragootaarraa haala salphaa ta’een hubachuun kan danda’amudha.Kanaaf Gosti ajjeechaa shakkamaan kun ittiin shakkame ajjeechaa dagannoo seera yakkaa keewwata 543 jalatti kufu akka ta’e hubachuun ni danda’ama.

Itti gaafatamummmaa seeraa shakkamaan ajjeechaa dagannoo raawwatchuun ittiin shakkame kana seera  yakkaa waa’ee dhimmichaa labsuun yeroo xinxallutti seerri yakkaa RDFI keewwatni 59 akka tumee jirutti gochaan yakkaa tokko dagannoon rawwatameera ykn dagannoon jira jechuuf haalli dhuunfaa raawwataa yakkichaa fiiumuriin isaa fii dhimmootni kana fakkaatan xiinxalamuun ofeeggannoon godhamuu qabu madaalamuu akka qabu tumameera.

Kanaan walqabatee dhimma harkaa qabnu yommuu madaallu Ragaan Hospitaala Ispeeshaalayizdii yuniversiitii jimmaa irraa barraa’e akka ibsutti shakkamaan kun daa’ima umuriin isaa waggaa 11-13 gidduu akka ta’e ibseera.Kana jechuun immmoo shakkamaan kun daa’ima waan ta’eef dandeettiin of eeggannoo gochuu isaa gadiaanaa ta’uu waan hubatamuuf ittigaafatamummaan seeraa gocha dagannoon inni raawwatee gadi’aanaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama.

Walumaagalatti Shakkamaan kun dhagaa guddaa ta’e gaararraa gadi darbachuun isaa fii sirrii qixa dhagaan kun darbatameen miidhamaan mataan isaa midhamee du’uun isaa dhimma mirkanaa’e ta’us dhagaan shakkamaan gaararraa darbate kun miidhamaarra bu’uun isaa garuu guutummaan guututti haala shakkii irraa bilisa ta’een kan amanamu ta’ee waan hin argamneef akkasumas kun jira yoo jedhames gochaan yakkaa shakkamaan ittiin shakkame dagannoon nama ajjeesuu jalatti kan kufu waan ta’ee fii umuriin shakkamaa kanaa immoo waggaa 11-13 gidduu ta’uun jiraachuu dagannootiif amansiisaa ta’ee waan hin argamneef  galmee qorannoo kanaratti shakkamaa yakka ajjeechaan himachuun osoo hin barbaachisiin akkaataa S/D/F/Y/kew. 42(1) A tiin cufuu keenya isin beeksisaa, shakkamaan dhimma kanaan to’annaa jala kan jiru yoo ta’e akka gadi dhiistan isin beeksifna                                                                                                                            🙏 Nagaa Wajjin🙏⚖️

Mallattoofi chaappaa hindubbifamu!

G/G

  • Biiroo Haqaa Oromiyaatti W/ra Haqaa Dhaddacha Lixaatiif. (Naqamtee) 
  • Waajjira Haqaa Godina Jimmaatiif (Jimma)
  • Fu’aad A/Jabaliif(karaa maatii isaa)

Rating: 1 out of 5.
Yaada kessan galme kana irrattii qabdan saanduqa armaan gadi kessa gutaa.👇👇👇👇⚖️🌳⚖️👇👇👇👇 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *