Home » Barruulee » gaa’ilaafi abbumaa mirkanessu pdf

gaa’ilaafi abbumaa mirkanessu pdf

Seensa
Maatiin bu’ura hawaasa bal’aa akka ta’e beekamadha. Hawaasaf ka’umsi maatiidha
yoo jedhame immoo eegumssi seeraa godhamuufi qaba. Biyya tokko keessatti maatiin
gaarii ta’e yoo jiraate hawaasni gaariin akka jiraatu hin shakkamu. Kanaaf, heerri
mootummaa Federaalaa Naannooleen akkaataa aadaa ummataa fi mirgoota heeran
kaa’aman osoo hin faallessin seera maatii mataasaa danda’e akka baafatan bu’ura
tumeen Mootummaan Naannoo Oromiyaas seera maatii of danda’e kophatti baafatun
eegumsi maatiif akka taasifamu godhee jira.
Seera maatii Oromiyaa keessatti fuudhaa heerumni akkaataan itti raawwatamu, sirnoota
adeemsichi hordofuu danda’u, ulaagaawwan guutamuu qaban, bu’aan fuudhaa heerumaa
maal akka ta’e fi diigamuun fuudhaa heerumaa haala itti raawwatamu tumee jira. Akka
Seerri tume kanatti raawwatinsa argachaa jiraachuuf dhiisuu sakatta’uun naannolee
rakkinni fi hanqinni hubannoo seeraa jiranitti xiyyeefachuun marii gaggeessuf
barreeffamni kun akka qopha’u taassifamera.
Akkasumas seera maatii Oromiyaa keessatti akkaataa abbummaan ittin mirkanaa’u
ilaalchisee tumaalee seeraan kaa’amani fi hojii irratti rakkinoota mul’ata jiran irraa
ka’uun naannoo hubannoon itti cimuu qabu ta’ee waan argameef ka’umsi rakkinaa
maal akka ta’e adda baasuun wanta godhamuu qabu eeruuf yaalamee jira.
Kaayyoon leenjii kanaas seera maatii Oromiyaa keessatti waa’ee fuudhaa heerumaa
ilaalchisee rakkinoota mul’atan agarsiisun abbootii seeraa hubannoo isaan qaban cimsuu
dha. Akkasumas abbummaa mirkaneefachuun wal-qabatee rakkina hojiirratti mula’tan
ifa godhuun furmaata ta’an jechuun waanta kaa’ame irratti marii taasisun hubannoo
gahaa ta’e horachuuun akka danda’amu taasisudha. Barreeffamni kun seera maatii
Oromiyaa guututti kan hammate osoo hin taane fuudhaa heerumaa fi akkaataa
abbummaan ittin mirkanna’u irratti kan xiyyeeffatee dha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *