Yaada Waligalaa
Chaartarii lammiilee bu’uura Heera Mootumma kan qabu ta’ee, meeshaa jijjiiramaa lammii waliin walitti dhufeenya qabnu cimsuu fi sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa ittiin diriirsinuu fi cimsinu dha. Ummatni tajajila mana hojii keenya irraa argachuu qabu bifa argachuu qabuun yoo argachuu baate sirna komii itti dhiyeefatudha . Chaartariin lammiilee yemmuu qophaa’u sadarkaa kenna tajaajilaa kaayyoo hiixataa JBAH keessatti qabannee fi tarsiimoo ergama keenya ittin milkeessinu kan KBIX/RBM dhaan adda bahe irratti bu’ureeffamee kan qophaa’u waan ta’eef saayinsawaa fi qabatamaa gochuun barbaachisaa dha.
Kaayyooleen charteriin lammiilee kun akka mana hojiitti qophaa’eef kan bu’uuraa: Qulqullina kenna tajaajilaa manneen hojii Abbaa Alangaa keessatti kennaman itti fufiinsaan fooyyessuu,Sammuu hooggantootaa fi ogeessotaa tajaajilamtoota irratti olaantummaa agarsiisan jijjiiruun miira tajaajiltummaa akka qabaatan taasisuu,Fedhii tajaajilamtootaaf deebii kennuu,Sadarkaa tajaajilaa (service standard) adda baasuun tajaajilamtootni sirriitti akka beekan taasisuu, Dhimmoota kenna tajaajilaa kan akka seeraa, qajeelfamaa fi sirna komii keessummeessaa ilaalchisee iftoomina uumuu fi Sirna kenna tajaajilaa fi murtiiwwan adda addaa ilaalchisee hooggantootnii fi hojjettootni itti gaafatamummaa akka qabaatan taasisuu dha.
Haaluma kanaan Qabiyyeeleen charterii lammilee kanaas: Ergama, Mul’ata, Duudhaalee manneen Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa ,Tajaajiloota mana hojichaan kennaman,Sadarkaa tajaajilli itti kennamu (Godina, Aanaa, Adeemsa hojii ),Maamiltootaa mana hojichaa ,Sadarkaalee tajaajilootaa (qulqullinaan, baay’ina, yeroo fi maallaqaan) ,Mirgoota maamiltootaa ,Gahee fi haal-duree tajaajilamtootni guutuun irra jiraatu haammatee haala armaan gadii kanaan qophaa’eera.