
Beeksisa Qacarrii Abbootii Alangaa Aanaatif.
Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa oromiyaa Hanqina Humna namaa jiru furuuf jecha Abbootii Alangaa sababa garagaraatiin hojii isaanii gadi lakkisan fi Ogeessota seeraa biroo ulaagaa armaan gadiitti ibsame kana guutan dorgomsiisuudhaan Qacaree Abbaa Alangaa Aanaa taasisiudhaan Iddoo duwwaa Godinaalee Baalee,Baalee bahaa,Boorana,Gujii,Gujii lixaa,Harargee Bahaa,Harargee lixaa,Iluu Abbaa booraa,Jimmaa,Qellem wallaggaa,Buunnoo Beddelleetti Qabu irratti ramadee hojisiisuu barbaada waan ta’eef namoonni kana dura Mana hojichaati Abbaa Alangaa turtanii fi ogeessa seeraa biroo ulaagaa kana gadii guuttan galmaa’uun Dorgomuu dandeessu.