Home » Barruulee » Barruu Xinxala Seera murti dhadacha ijibbaata federaala jildi 24ffaa irratti godhame pdf.

Barruu Xinxala Seera murti dhadacha ijibbaata federaala jildi 24ffaa irratti godhame pdf.

Barruu xinxala seeraa kana kan qophessee Abdusalam Mohammed.

Godina Jimmaattii AA Aanaa Sigimoo.
Seensa Waligalaa barruu kanaa

Akkuma  beekkamu  tumaaleen seera yakkaa  baay’inaan hojiirra ooluu fi  yeroo baay’ee  qabatama hojii keessattis  walfalmisiisaa ta’e tumaalee seera yakkaa biyya keenyaa yakkoota  qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwatamuun walqabatee jiru isa tokkoo dha. Garaagarummaa  ejjannoo Tumaalee kanneniin  dhiphisuun  walqabatee dhaddacha ijibbaataatiif  dhimmi dhiyaatee murtaa’e baay’inaan hin mul’atu. Haa ta’u malee dhiheenya kana murtiin dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma  tumaa seera yakkaa kwt 555 fi 556 ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenne immoo daran falmisiisaa fakkaata. kunis dhimma dhiyaateef ilaalchisee  murtee yemmuu kennan yakki tokko miidhaa qaamaa cimaa kwt 555 ta’uuf  meeshaan fayyadamuu akka ulaagaa ta’eetti tahuu qaba yaada jedhu of keessatti kan calaqqise  waan ta’eef .

Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa kanaan kenname ilaalchisee  yaada ogummaa  bu’uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa’ameen maal fakkaata  jedhu irratti kan  qophaa’ee  yoo ta’u gaaffileen barreeffachichaan deebisuuf yaalamus ;

  • Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?
  • Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
  • Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali  ?

 

 

1 / 13




Xinxala seeraa barressun yoo nuf ergitan bekkamti isinif keennuun gulaallee kan isinif maxxansinuu ta’a

mana hoji abbaa alangaa godina jimmaa.

⚖️MHAAGJ⚖️

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *